(Madda Oduu ABO/MOA/Sadaasa 30,2009)Tokkummaan Barattoota Oromoo Yunversitii Finfinnee waamicha kana kan dhiheesse dhimma QBO ABOn durfamu irratti dhiheenya kana erga mari’ateen booda ibsa baase keessatti.
Fincilli Diddaa Gabrummaa ummatni Oromoo geggeessaa jiru haala siyaasaa yeroo ammaan haguugamuu hin qabu kan jedhe Tokkummaan Barattoota Oromoo Yunversitii Finfinnee, kana hambisuufis dhalli Oromoo cufti jabaatanii hojjechuu akka qaban hubachiise.
Kanneen golgaa jijjiirama jedhuun mooraa QBO ABOn durfamu keessatti jeequmsa uumanis, bilisummaa fi kabajamuu mirga Oromootti kan amanan yoo ta’e, daandii heeraa fi seera dhaabaatti deebi’anii qabsoo haqaa geggeeffamaa jiru akka tinnisan maqaa gootowwan Oromoo qabsoo irratti wareegamanii fi qabsaawota Oromoon waamicha isaanii dhiheessaniifii jiran.
Ummatni Oromoo kan yeroo kamii caalaatti tokkummaa isaa jabeeffatuu fi tikfachuu qaba kan jedhe Tokkummaan Barattoota Oromoo Yunversitii Finfinnee, barattootni Oromoo sadarkaa barmootaa hunda irra jiran, addatti ammoo kanneen sadarkaa olaanaatti argaman fayidaa yeroof jecha diina ummata Oromoo wayyaanee fi ergamtuu isaa OPDOf gowwoomfamuu akka hin qabne dhaamaniiru.
Hayyootni Oromoo bakka jiran maratti waa’ee tokkummaa, seenaa, aadaa fi amantii Oromoo irratti qo’annoo geggeessuu dhaloota dhufuuf karaa tolchuu akka qaban hubachiisanii, hundaa olitti ammoo waa’ee bilisummaa Oromoo irratti hojjechuu akka qaban dhaamsa qaban dabarsaniiru.
Xumura irratti Tokkummaan Barattoota Oromoo Yunversitii Finfinnee, ilmaan Oromoo mooraa diinaa keessa jiran diina tajaajiluu irraa deebi’anii qabsoo saba isaaniitti makamuu akka qaban dhaamaniif.
********
Godina Lixa Shawaa Ona Iluu Galaan keessatti ummanni ayyaana Odaa Bisil kabajuuf walitti bahe OPDO abaaree, deeggarsa ABOf qabu mul’ise.
(Madda Oduu ABO/MOA/Sadaasa 30,2009) Godina Lixa Shawaa Ona Iluu Galaan irraa oduun nu gahe akka mirkaneessutti, ummanni ayyaana Odaa Bisil kabajuuf walitti bahee dhaadannoolee gara garaa ergamtuu wayyaanee OPDO abaaruu fi dhiichisa ABO faarsu dhageessise.
Sochii fi deeggarsa ummanni ifatti ABOf qabu mul’isetti kan dallanan ergamtoonni diinaa namoota nagaan isintu ummata kakaasa jechuun duula hidhaa fi doorsisaa irratti bananii jiru.
Kun kana tahee osoo jiruu, torbaan dabre kana keessa sirni wayyaanee magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaa jedhan keessatti dabballoota isaa walitti qabuun, sochii ummata toohachuu qabdu ajaja je’u itti dabarsee jira.
Haaluma kanaan Caasaa Qunnamtii ummataa fi hojjettootaa toohatu bifa haarayaan ijaaree waajjiraalee mootummaa hunda keessatti ramadee akka jiru odeessi gola OPDO keessaa nu gahe ni addeessa.
MOA |